Ameerikaan haleellaa Hamaas booda dooniiwwan waraanaa Israa'elitti dhiheessite

Ameerikaan haleellaa Hamaas booda dooniiwwan waraanaa Israa'elitti dhiheessite

Ameerikaan doonii xiyyaara fe’u, dooniiwwanii fi jeettiiwwan gara baha Meditiraaniyaaniitti sochoosaa akka jirtuu fi akkasumas Israa’eliif meeshaalee fi rasaasa dabalataa akka kennitu dubbatti.


Haleellaa Hamaas kibba Israa'el irratti raawwate hordofeeti, Pirezidaanti Baayiden ''haleellaa kanaan dura hin argamnee fi suukaneessaa'' jedhan.


Dubbi himaan Nageenya Biyyoolessaa Ameerikaa akka jedhanitti lammiileen Ameerikaa hedduun namoota du’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.


Israa'el namoonni 700 ol ajjeefamanii 100 ammoo butamuu dubbatteetti.


Gaazaatti haleellaa qilleensaa Israa’el haaloo ba’uu hordofuun namoonni 400 ol ajjeefamaniiru jedha qondaaltonni Falasxiin.


Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin akka jedhanitti, dooniin xiyyaara fe’umsaa USS Gerald R Ford, misaa’ela kruuzarii fi xiyyaaronni misaa’ela balleessan afur gara naannichaatti qajeelaa jiru. Xiyyaaronni waraanaas ni ergamu jedhan.


Guyyoota itti aanan keessatti gargaarsi waraanaa dabalataa Israa’eliif ni ergama kan jedhu Waayit Haawus, US diinonni Israa’el haala jiru irraa faayidaa barbaaduuf akka hin yaalne hojjechaa akka jirtu ibseera.


Bobba’iinsi guddaan kun yaaddoo Ameerikaan waldhabdeen Israa’elii fi Hamas gidduu jiru kutaalee naannichaa biroo keessatti harkisuu danda’a jettee qabdu kan calaqqisiisudha.


Keessattuu, US sochiin humna guddaa kan Libaanos Hizbullaah waldhabdee kana akka hin makamne dhorkuuf fedhii guddaa qabdi. Iraan kan deeggaramtu yoo ta'u, isheen Hamaas maallaqaan deeggartee hidhachiisti.


Preezdaantiin Iraan Ibrahim Raayisii haleellaa Hamaas kanaaf deeggarsa isaanii ibsuun, Israa’el naannicha balaadhaaf saaxiluu isheetiin itti gaafatamuu qabdi jedhan.


Hamaas gargaarsi Iraan irraa argate haleellaa isaa raawwachuuf akka isa gargaare ibseera, haleellaa kana kan rookkeettii, diroonii fi hidhattoota paraglider irratti hirmaachise fi loltoonni dhibbaan lakkaa’aman dallaa daangaa Israa’el naannoo Gaazaa keessa jiru cabsanii argee jira.


Haleellaa Israa'el fi Gaazaa irratti bal'inaan

Kallattiin hordofaa: Odeeffannoo haaraa

Booji'amtoota: Waa'ee Israa'eloota Hamaasiin fudhataman waan beeknu

Xiinxala: Israa'el ija jaamsite jedha Jeremy Bowen

Ibse: Gaazaa fi Israa'el keessatti maaltu deemaa jira, amma maaliif?

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antony Blinken akka jedhanitti, Ameerikaan ragaa kallattiin Iraan harka keessaa qabdu hin argine, garuu Iraan garee Gaazaa keessa jiru kana waggootaaf gargaaraa turte.


"Hamaas deeggarsa waggoota dheeraaf Iraan irraa argate malee Hamaas hin ta'u ture. Iraan haleellaa addaa kana duuba akka turte ykn harka keessaa akka qabdu ragaa kallattiin hanga ammaatti hin argine. Garuu deeggarsa waggoota dheeraaf taasifame ifaadha," jechuun UStti himaniiru TV.


Walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti Iraan haleellaa Israa’el irratti raawwatame keessatti harka akka qabdu haalteetti.


Barreeffama miidiyaa, .

Daawwadhaa: Guyyaa jeequmsaa fi sodaa


Namoonni dhibbaan lakkaa'aman ammallee achi buuteen isaanii dhabamuun gabaafamaa jira. Isaan keessaa lammii Ameerikaa-Israa’el ganna 23 Hersh Golberg-Polin, kan gammoojjii keessatti ayyaana muuziqaa hidhattoonni weerarame irratti argamudha.


Warri isaa ergaa lama isa irraa akka isaan qaqqabe Jerusalem Postitti himaniiru: "Si jaalladha" fi "dhiifama" jedhu.


Qabsaa’aa nagaa Vivian Silver dabalatee lammiileen Ameerikaa Kaabaa biroo achi buuteen isaanii dhabame ilaalchisee gabaasaan bahuu eegaleera.


Hiriyaan lammii Kanaadaa ganna 75 kanaa The Canadian Jewish News tti akka himetti, Aadde Silver Dilbata ganama obboleettii ishee bilbiltee hidhattoonni Falasxiin balbala ishee irra akka jiran himte.


"Iyyaa fi iyyitu ture Viviyaan wal lolaa turte sana booda bilbilli du'e," jedha.


US keessatti ambaasaaddarri Israa’el Maayikeel Herzog CBS News’tti akka himanitti, loltootaa fi namoota nagaa kibba Israa’el keessatti butaman keessaa lammiileen Ameerikaa akka ta’an hubachuu isaanii garuu bal’inaan hin qaban.


US waggaa waggaan gargaarsa waraanaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu Israa’el michuu dhiyoo taatef ergiti. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Israa’el walumaa galatti gargaarsa biyya alaa Ameerikaa kan argatte guddaadha.


Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo gabaabaa keessatti Niiw Yoorkitti wal arguun jeequmsa Israa’elii fi Gaazaa keessatti uumame irratti mari’achuuf jira.