Haaromsa sooramaa Faransaay: Mootummaan Maakroon sagalee amantaa dhabuu isa mudata

 

Haaromsa sooramaa Faransaay: Mootummaan Maakroon sagalee amantaa dhabuu isa mudata

Mootummaan Faransaay haaromsa sooramaa falmisiisaa ta’e irraa bu’aan mudate itti fufee waan jiruuf Isniina dhufu sagalee amantaa dhabuu lamatu isa mudata.

Ministirri Muummee Élisabeth Borne torban darbe sagalee malee labsii kana dhiibuuf keewwata heera mootummaa 49:3 fayyadamuun.


Ergasii kaasee kumaatamaan lakkaawaman daandii Faransaay irratti mormii dhageessisaniiru.


Yaadni amantaa dhabuu kun miseensota paarlaamaa giddu galeessaa fi Hiriira Biyyoolessaa warra mirgaa fagoo ta’aniin kan dhiyaate yoo ta’u, paarlaamaan sa’aatii 16:00 (15:00 GMT) irraa eegalee falmuuf jira.


Yaadni amantaa dhabuu kun yoo milkaa’e, Pirezidaanti Amaanu’eel Maakroon hojii dhabuudhaaf balaa hin qaban, garuu ejjennoo Aadde Boornee fi mootummaa balaadhaaf saaxilama.


Mr Maakroon mootummaa haaraa moggaasuu ykn Mana Maree Biyyaalessaa diiguun filannoo haaraa waamuu danda'u.


Labsiin haaromsa sooramaas ni haqama ture.


Yaadni amantaa dhabuu kun yoo hin milkoofne wixineen umrii sooramaa 62 irraa gara 64tti ol guddisuuf dhiyaate seera ta'a.


Mr Maakroon ummanni Faransaay dulloomuun isaa skiimiin sooramaa amma jiru akka hin madaalle taasisa jechuun falmaniiru.


Garuu sun miira paarlaamaa keessatti hunduu qooddatu miti.


Barreessaan sagalee amantaa dhabuu lamaan keessaa tokko kan ta’e Chaarlis de Kursan, mootummaa aangoo irraa kaasuun “rakkoo hawaasummaa fi siyaasaa biyya kana keessatti mul’atu dhaabuuf karaa tokkicha” jechuun AFP gabaaseera.


Michoonni Mr Maakroon mana maree gadii mana maree biyyaalessaa keessatti xiqqaa ta’an, garuu yaadni amantaa dhabuu kun milkaa’uuf mormitoonni hundi tokko ta’uu qabu turan.


Paartiin Rippabilikaan Faransaay teessoo 61 kan qabu yoo ta’u, torbee darbe hogganaan isaanii Eric Ciotti yaada amantaa dhabuu kana akka hin deeggarre dubbataniiru.


Mr Ciotti murtiin keewwata kana waamuun kenname ''bu'aa kufaatii siyaasaa waggoota dheeraa'' kan ''heera mootummaa keenya keessatti rakkoo gadi fagoo'' agarsiisudha jedhan, garuu sagalee amantaa dhabuu furmaata ta'uu hin amanne.


Garuu paartiin Rippabilikaan olaanaa tokko, Aurelien Pradie mootummaa mormuun sagalee akka kennu dubbataniiru.


Murteen 49:3 fayyadamuu Faransaayitti namoota hedduu kan aarse yoo ta’u, mormitoonni dhuma torban darbee haaromsa kanaan walqabatee poolisii waliin walitti bu’aniiru. Kumaatamaan lakkaa'aman guutuu biyyattiitti ibidda kan qabsiisan yoo ta'u, gariin ammoo poolisiitti ibidda darbatan.


Mr Ciotti namoonni halkan tokkotti waajjira isaaniitti dhagaa darbachuu isaanii tiwiitara irratti kan dubbatan yoo ta’u, miseensonni paarlaamaa biroo wixinee kana deggeran doorsisni du’aa akka isaan mudate himaniiru.


Lagannaan kun umriin sooramaa ol kaasuuf yaadame mormuun itti fufuuf jira.